SAGLII …
Weelluun haaraa mata dureensaa Salgii jedhu kun gosa muuziqaa Aadaa Oromoo keessaa Geelloodha. Gelloon Oromoota Macca keessatti hedduu beekamaafi jaallatamaadha. Keessattuu Godinaalee Wallagga Arfaniifi Iluu Abbaa Booraa akkasumas Matakkal fi Shawa Lixaa bakka muraasatti mootii sirbaa jedhamee waamama. Gelloo dhiiratu sirba. Gelloonis wallee (lyrics) irratti hundaa’uun akaakuu hedduu qabaata. Kan jaalalaa kan gootummaa, Siyaasawaafi Cigoofa’i.
Weelluun (song) Artist Leencoo Dayee haaraa mata dureensaa Salgii jedhu kunis akaakuu Gelloo Makaati. Cigoon dhangi’amee, siyaasa dubbata; jaalala faarsa; aadaa hima; eenyummaa barsiisa. Shubbisnisaa garuu guutummaa guutuutti Gelloo Iluuti.
Yeroo darbe beeksisa hojiisaarratti dhimma jecha Salgii jedhuurratti hundaa’uun waa xiqqoo jechuuf yaaleen ture. Keessattuu ammoo jechi yookaan moggaasni “SAGLI /SALGII” jedhamu akka Falsaama Oromootti maal akka ta’e ibseen ture. Innis, Salgiin Salgan Iluu, balbaloota gosa Oromoo maccaa Iluu keessa jiranii bakka bu’innaa laata jechuun, akkasumas ammoo Salgiin Salgan Yaa’ii Booranaa ibsaa laata jechuun, Iluun hortee maccaa, macci hortee Booranaa ta’uusaatti sababeesseen ture. Kan biraan ammoo tarii marfata eebbaa, xumura angoo gogeessa Gadaa tokkootii laatas jedheen ture. Akkasumas ammoo Salgii isa lolee waraanaa ta’a jedhees ibsuuf yaaleera. Amma garuu weelluun kun deebii quubsaa fidee dhufeera.
Ergaafi dhoksaa wallee kanaa ibsuuf yeroonis iddoonis nan ga’u. Garuu ammoo bakka muraasa haa laallu.
Walleen kun yeroo itti seenu, yeedaloo aadaa Iluu isa mataatiin jalqaba. (Dandeettii weellisichaaf uggum. Miidhaginni sagaleefi qindaa’inni muuziqaas ajaa’iba)
“Iseet hiriyaa, see tiyya, see tiyya” jedha. Itti fufa.
Coora noonnoo, bunno abbaayee Ilubbaboor yoo beente been yee Eee ehee beeyyee,*2 Hoo beentee been yee (yoo deemte beenu’ akka jechuuti)
Booraa inni irraan bureen baa’ee Suphee mattuun hurrumbumbaayee Eee ehee……….been yee Eee been yee Daarimuun baayee
Hiddinaan hiddi malee ya kormakoo Maal maqaan haxanxaarii Sirbinaan sirbi malee yaa dammakoo Maal maqaan na gabbarii!” … Kana olitti kan weellifame kun itti lixa. Hiriyaa waliin geellisu waamuusaati. Erga waamees hin dhaabatin geellisi; sirbi jechuun itti hime. Hin fakkeessin, of nan kadhachiisin yoo sirbite sirbi” yaada jedhuun cabse.
… “Gurraalessa hayyambooraa ya kormakoo Gootichoo barii duulee Ani Innan joorufoo sumaa ayyaantutti Ayyaantutti milkiin tolee
Ilubbaaboor, Hooyyee Ilubbaaboor, Hoyyee! Ilubbaaboor Fardi booraa Ajjeesaan faachuma kooraa
Ilubbaaboor fardi booraa Ajjeesaan fachum kooraa Kooraa malee hin yaabanii yaa kiilolee sirbi malee” … Asitti seenaa, aadaafi falaasama Oromoo dubbata. Iluu Abbaa Booraa erga waaamee booda, waa’ee farda Abbaa Booraa dubbata. Itti fufee ammoo Baqqootti nu geessa. Baqqoon bakka itti ajjeesanii kooran jechuudha. Kan bakka itti ajjeesee faacha baatu; kan ajjeese ammoo faachaan kooras jedha.
Faacha jechuun, akka aadaa Oromoo maccaatti namni yookaan ajjeesaan baqqoo deemee Leenca, arba, gafarsaafi kkf ajjeese ajjeesaa jedhamuuf Gogaa yookaan gaanfa fuudhee gala. Kun faacha. Mallattoo gootummaati. Ittiin geeraru. Ittiin kooru. Faachi kan goota isa lolaafi loluu beekuti. Mallattoo injifannooti. (Heroic symbol)
… Irra keessa qotannaa Sangaan Keenya battalii bar sangaan keenya battalii…. Irra keessa kofallaa garaan keenya gargarii, Garaa dhiiraa hin beekanii …
Bo’oon kun kalaqa yookaan barreeffama Leencoo natti fakkaata. Bakka kanatti Wallee hawwaasaa (oral poetry) keessaa nu baasa. Bakki kun bakka inni itti dhimma itti jirru cigoon hime natti fakkaata. Yookaan seeraan hin qotanne, kan ittiin qotannus isa idileessu otoo hin taane isa battalaati jedha. Kan nuti kofallus garaarra miti jedha. Irra keessa kofalla, kolfa sobaati jechuun quuqqaa garaa waan himun se’a.
…
Kannisni Farsoo hin soortu yaa kormakoo yee Damma bifaatti sontii Man’ cuffee daamarra hin teessuu kormakoo yee, eeraquuf (eessa dhaquuf) Daama kortii? Boorri in booraa ajjeesaan faacha kooraa
Abbaankoo duruu Jagnaa SAGLII Lugna hin muudanii. Afaankee duroo dammaa Maaf soogidda cuubanii?
Abbaankoo duruu Jagnaa SAGLIIF durba hin muudanii. Afaankee duroo dammaa Maaf soogidda cuubanii? …
Kunis kalaqa barreessitoota walleetin se’a. Falaasama Oromootiin qabee waa nutti hima. Bakki gobaangaleessaas addana. Kanniisni farsoo hin sortu jedhe. Kanniisni silaa damma sorti malee farsoo moti. Amma garuu kan kanniisni soraa jirtu farsoo…
Itti fufee ammoo Abbaankoo duruu jagna jechuun gootummaa warraa himata. Itti aansee SALGII LUGNA hin muudan jedha. Salgii inni baanu kan waraanaati. Ooggansa lolee Sagaliiti. Sirna Gadaa keessatti cifira isa xiqqaa akka Komaandootti ilaalamudha. Humna qaba; xiqqaatee waan guddaa raawwata. Walitti qabama dargaggoota jajjaboo sagaliiti. Kanaaf Salgiin goota malee lugna miti jechuusaati. Itti fufees, Afaan damma ta’e maalif soogida godhu jedha. Waan miyawu maalif kuraawaa taasisu akka jechuuti. Tarii Oromummaa nuti jaallannu, maa waan hin taaneen bakka buusuuf yaadduudhaa laata??? Weellisichatu beeka. Nuti garuu akka barbaannetti hubanna. Itti aansee ammoo Salgii dhiira malee durbi akka hin taanes addeessa.
… Yas godhii Sirbi kuullee yaa dammakoo Hortee warra daallamee As asii dhiisi as kommee yaa dammakoo Argaafan si beellame (kan an yaade ijumaan si ilaaluuudha. Iddoo filachuuf hin rakkatin, as as hin jedhin)
Deemnullee waa nun arguu yaa kormakoo Biilaa kichuu hin muranii Waan baaneef erga dhabne yaa kormakoo Gameessa hin takaalanii.
Safeeffattuu kuulashii, sonee mudhiin sabbataa Yoo sirbitu sirbashii onneen maaf na dhiittataa?
Warra Waajjotti sirbuu yaa kormakoo yee Aallee harkaan naasisuu Sirbituu silaan inkoo yaa leencakoo yee Daabara nan teessisuu Boorri booraa ajjeesaan faacha kooraa (warri Waajjoo gosa. Aalleenis gosa)
Yaa tumaa shangoomee Tumaan kan shangoomee Beekkoon ebilattudhaa Waan baaneef sila dhabnee Waan sichi malachuudha …
Hiiknisaa ifa. Kan yaannee kaane, kan hawwinee hunda dhabneerra. Akka isa dhabne haa amannu. Furmaataaf isa itti aanuuf of haa qopheessinu. Haa falannu, haa malannu jechaa jira. (Waan taane silaa taanee, kan sichi falachuudha’ jechama goota Oromoo iluu tokkoo ta’uus odeeffadheera” …
Xumurarratti Gelloo keessaa kan dargaggeessi miillaan lafa dhiitee morma shamaraa jala seenee dhiichisu, hirrubbii aadaa Iluutiin goolaba. .. Hambabbeessakee jalaa Horasaa budduqfatuu Dargageessakee jala Dhiirri lama hin dubbatuu
Badda keessa kaatanii Maqaa gurreen geeraruu Gad baatamoo hin dhuftaree Jaallataan garaa hin hiruu … Oromiyaatti waan dubbatu fakkaata. Dargaggeessa kee jala dhiirri lama dubbatu jedha. Goota qabda. Goota ija barbadaa qabda jechuun ibsa. Baddaafi bosonas keessatti kan siif ajjeesee maqaa Gurreetiin geeraru har’as qabda jedha. Ajjeesaa duriin qabee dhaamsa dhaama.
.. Abiddee korma goolee Kan qaroon diddiimatuu Argita atuui kot malee Korma dhugaaf boorratu
Ijaareen kabaa kabaa Dubbiin gaaddisaam duruu An deemee nagaa nagaa Shaggeekoo walirraa toluu
Saan abbaa jiruu dhaltee Sanbatee narraa fudhuu An abbaa jiruun ta’ee Wanbadee barbaaddadhuu! ….. Bakka kanatti ammoo araaraaf waama. Gaaddisatti dubbii keenya xumuranna jedha. Salgiinis gaaddisa akka jechuuti. Dhumarra ammoo ani haajaan qaba, ani abbaa maatiiti, waanbadee yookaan nama akkakee barbaaddadhu jechuun goolaba.
Ulfaadhaa ! Dogoggorri hiikkafi yaadni ibsaa (interpretation) olii keessa yoo jiraate gaafatamummaan Lalisaa malee Weellisaa hin ilaallatu.
Lalisaa Indiris Adamiin barreeffame kan qindaa’e.
VIDEO