BISHAAN_LAGA_DAABBUS
…Oromiyaan laggeen fi harawwan hedduun badhaatuu dha. Laggeen Oromiyaa baay’een gara dhihaatti yaa’anii Abbayya ykn Abbaya-adiitti galu. Laggeen kaan gar bahaatti yaa’inii lafa Somaliyaa fi Affaritti galu.
Laggeen gurguddaa keessaa muraasni:-
Abbayya (Nile),
Baaroo,
Soor,
Gabbaa,
Birbir,
Hawaas,
Gannaale,
Waabee,
Dhidheessa,
Gibe,
Gudar,
Daabbus fi
Finca’aa faa dha.
Laggeen Oromiyaa keessaa yaa’an bishaan laga Abbayyaa keessaa harka 70 gumaachu. Harawwan Oromiyaa keessaa garii maqaa dhawuuf:
Hara Magariisa,
Bushooftuu,
Kurruftuu,
Bushooftuu-guddoo,
Haro-kilolee,
Haro Arsadee fi
Malkaa cittuu…
(Rift valley) keessaaa ammoo
Zuwaay,
Abjataa,
Abbayyaa,
Shaallaa, fi
Langannoo faatu argamu.
Haroowwan kun qurxummii (kal’uuna) gosa adda addaa of keessaa qaban yoo ta’u,
Kan argaa jirtan kun ammoo iddoo seena qabeessa, Suuraa Bishaan Laga Daabbus, Oromiyaa gama lixaa, Wallagga Lixaa’tti kan argamuu dha.
Bakki kun WBO wajjinillee seenaa hedduu qaba…
(By Abdiisaa Tummee )




