
Quba_Qabaadhaa!
Fulbaana 5,2021!
Namnii Suuraan Isa asiin gaditti argamu kun #Iyyaa_Kottoola_Buuyyalee jedhamaa. Obbo Iyyaan Yeroo dheeraaf Godina Gujii Bahaa Aanaa Liibaniitti Bulchiinsa #Ganda_Dhungootii. Akkasuma Tika Mootummaa hamaa fi qaamni hoggansa Tika isaa Federaala irraa Kan ta’eedhaa. Namni kun kanaan duras Yeroo hedduuf Waraana Bilisummaa Oromoo irratti Kan duula ture yo ta’u maqaa Gosummaatiin “#Nuti_Waayyuudha, Ijoolleen keenyas Shanee keesa hin jirtu, shaneen diina keenya” jechuun mandheelee hedduu ijaaree Qabsoo Bilisummaa Oromoo dura dhaabacha jiruufii Ilaalcha Gandummaa fi summii hamaa ta’e Dhaloota keessatti facaasaa Kan tureefi Kan jiruudhaa. Akkasuma Maatii isaa guutuu Ilaalcha kana Kan amansiisee yo tahu maatiin isaani hundi bakka Waraana Bilisummaa Oromoo arganitti akka bineensaatti Kan nama dheetaniifi meeshaa Waraanaas kan namatti dhukaasaniidhaa. Haaluma kanaan Waraannii Bilisummaa Oromoo qaama kana Shira kana irraa deebisuuf yeroo gargaraatti akeekkachiisa turus gorfamuu waan dideef gaafa #Adoolessa19_2021 Waraannii Bilisummaa Oromoo Zooni Kibbaa Cibraa Soddom Booroo buttaan Coqorsa Liiban Godina Gujii Bahaa Aanaa Liiban Ganda Funnaan Agarsuu Magaalaa Dhungoo seenuun bakka qubsuma Kaambi Waraannii Iyyaa Kottoola kun qubatetti tarkaanfii akeekkachiisaan walkeesa fudhateen ofi Wallaaltota Milishoota Ganda dhungoo Tana keesa Nama Torba jiraa Harkaan Booji’uun nama sadii ammoo madeessuun Meeshaa waraanaa Kilaashi 10 fi Rasaasa,Galaafi wantoota biroo hedduu irraa hiikuun Kaambicha keesa Ari’ee Afaan Qaawweetiin akeekkachiise kanneen Booji’es Gorsee deebisu Isa gabaasaale keenya kanaan duraa irraa ni yaadattuu, Bulchiinsi Ganda dhungoo kun ammas tarkaanfii kana irraa kan hin baratin yo ta’u, ergaa gandichii Waraana Bilisummaa Oromoo Cibra soddoma Boorootiin dhuunfatameen booda Magaalaa Nageellee Booranaatti baqachuun Mootummaa federaalaatti iyyachuun Shaneetu Meeshaa waraanaa irraa Saame jedhanii Federaala irraa Qawween AKM 12 Hoggansa RIB Godina Gujii Bahaa irraa akka kennamuuf ajajnii dhufeefii meeshichis jennameefii jiraa. Asi keessatti hunda caalaa Kan nama gaddisiisu Namni Iyyaa Kottoola jedhamu kun Meeshaa waraanaa 12n kana keesa AKM 4 qofa Gandaaf Kan kenne yo ta’u, Ani Maatiin koo hundi Shaneen walitti diina jechuun 8 guutuu Maatii isaa hidhachiisee jira. Maatiin isaas hidhatanii jiraachu irra geenyee jirraa. Fknf Magaalaa Nageellee Ganda Goobicha Ollaa #Ballaxee_Waaqoo hidhattoonni maati kanaa galgala galgala hunda nama lama itti erguun “Shaneetu maati keessan balleessaa, kanaafu eegumsa isaniif goonaa” jechuun Meeshaa qabatanii achi mandheeffatanii Kan jiran ta’uus irra geenyee jirraa.Iyyaan akkasuma Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf wanti inni hin carraaqne hin jiruu, “Shaneetu na ajjeesuufi Falfala naaf kennaa” jedhee Raaga deemee yeroo Amma Ganama Ganama hunda Fincaan isaa fuula dhiqachaa Kan jiru ta’uus irra geenyee jirraa. kanaaf Nuti Waa’e nama kanaa barreessuu Kan dirqamneef namnii tokko ofii waan barbaadetti amanuu fi irratti Lubbuu laachuus mirga qabaa,garuu ofii dogoggora hojjatee maraatummaa isaatiin maatiif firaa fiixaa Isa hunda Waraana Bilisummaa Oromootiin Walitti diinomsuun Isa kun #Duguuggaa_Sanyummaa maati Isa irratti raawwachaa Kan jiru waan ta’eef Uummanni Oromoo hundi waan kana bartanii Maatii sun badii jalaa akka baraartan isan beeksifnaa. Yoo sirraa’u baatan ammoo Boriif akka hin suukanoofne Quba Qabaadhaa isaniin jechuu barbaadnaa!
Beekaatuma gabaabsine malee shiri isaa hanga kana qofas mitii.kanaaf yo dandeessan Jaarroleen biyyaa qaama maati kana balleessuuf deema jiru kana daandiitti akka deebiftan jennaa.
Abba Dhugaa Oromoo Irraa.
